Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbata Albuudaa Ingiliz Kefi waliin waliigaltee Doolaara miiliyoona 320 mallatteeffame

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC)- Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa Dhaabbata oomishaa albuuda Warqee fi Koopparii Inigliz Keefii waliin pirojektii misooma Albuudaa Doolaara miiliyoona 320 mallatteeffame.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti hojii invastimantii albuudaa irratti bobba’uuf komishinicha waliin waliigaltee mallatteessuun ibsameera.

Dabalataan, dhaabbatichi dhaabbilee deeggartootaa maallaqaa garaagaraa waliin waliigaltee mallateesseera.

Waliigaltechi kan mallatteeffames xumura Fooramii “Invest Ethiopia 2023” irratti ta’uu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.