Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhamaniif deeggarsi meeshaalee Birri miiliyoona 123 tilmaamamu taasifame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraatti dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhamaniif deeggarsi meeshaalee yaala fayyaa Birri miiliyoona 123 tilmaamamu taasifame.

Deeggarsichi dhaabbata tola ooltotaa Paaz Faayndar jedhamuun taasifamuu ibsameera.

Daayrektarri teeknikaa dhaabbatichaa Dooktar Luuwaam Tashoomaa magaalaa Kamiseetti deeggarsa wayita taasisan deeggarsichi miidhaa godinichatti qaqqabeen walbira qabamee yoo ilaalamu xiqqoo ta’us miidhaan dhaabbilee fayyaarra ga’e adda waan ta’eef faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Amaaraatti Qajeelchi fayyaa saba Oromoo gamasaan, deeggarsi taasifame rakkicha hanga tokko kan salphisu ta’uu ibsuun deeggarsichi cimee akka itti fufu gaafateera.

Zaruu Kaffaalanyitu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.