Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen barnoota olaanoo, kalaqa teekinooloojii fi qorannoof xiyyeeffannaa kennuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Imaammata diinagdee biyya keessaa gama cimsuutiin dhaabbileen barnootaa olaanoo kalaqa teekinooloojii fi qorannoon tumsuu akka qaban Ministeerri Teekinooloojii fi Innooveeshinii beeksise.

Yaa’iin qorannoo biyyaalessaa 30ffaan mata duree “Qorannoon tajaajila hawaasummaa fi kalaqa teekinooloojii, deebi’anii dandamachuu fi guddinaaf” jedhuun Yuunvarsitii Goondaritti gaggeeffamaa jira.

Ministirri MinisteeraTeekinooloojii fi Innooveeshinii Dooktar Ballaxaa Mollaa, jijijjiiramaa kan ta’e dhiibbaa diinagdeen ga’u dandamachuuf imaammannii fi tarsiimoon diinagdee qorannoo fi qo’annoon deeggarame gahee murteessaa qaba jedhaniiru.

Ce’umsaa fi kalaqa teekinooloojii biyyattii cimsuuf imaammataa fi tarsiimoo wixineessuun qaamolee deeggartootaa waliin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Diinagdee dijitaalaa idil addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf dhaabbileen barnootaa olaanoo ce’umsaa teekinooloojii fi qorannoon gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Yaa’ii qorannoo kanarratti hojiilee qorannoo 100 olii fi kalaqni teekinooloojii 20 ol ni dhiyaatu jedhameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.