Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Faayinaansii xixiqqaan damee diinagdee keessatti qooda isaanii akka ba’an haalli mijataa jira – Baankii Biyyaalessaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Faayinaansii xixiqqaan damee diinagdee keessatti qooda isaanii akka ba’an xiyyeeffannoon hojiin haala mijeessuu hojjetamaa jiraachuu Baankiin Biyyaalessaa beeksiseera.
Dhaabbileen Faayinaansii xixiqqaan shoora guddina diinagdee keessatti qaban guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Baankii Biyyaalessaatti bulchaa itti aanaan Suuppar viizyiinii Dhaabbilee Faayinaansii Obbo Salamoon Dassitaan turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaaniin ibsaniiru.
Dhaabbileen Faayinaansii beekkamtii argatanii socho’aa jiran kumni 2 fi 80 kaappitaala waliigalaa Birrii biiliyoona 11 ol qabaachuu isaanii eeraniiru.
Dhaabbileen kunneen sochii fayyaalessa taasisaa jiraachuu eeruun, hanqina dhaabbilee kanneenii gama teekinooloojiin qaban guutuuf deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbilee kanneeniif tajaajila liqaa waliingahuuf qorannoon taasifamaa jiraachuus eeraniiru.
Awwal Abarraatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.