Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen misoomaa kurmaana 1ffaa darbe keessa galii Birrii biiliyoona 249 ol argachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Dhaabbileen misooma mootummaa Dhaabbata Invastimantii Holdiingii Itiyoophiyaan bulan kurmaana 1ffaa darbe keessa galii Birrii biiliyoona 249 ol argachuu ibsameera.

Dhaabbileen kunneen hojiilee riifoormii gaggeessuu hordofee gara bu’aa qabeessummaa olaanaatti ce’uu isaanii Itti Aantuu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Invastimantii Holdiingii Itiyoophiyaa Yaasmiin Wahabrabiin ibsaniiru.

Bara baajataa 2015 keessa galii Birrii biiliyoona 924 ol argachuu isaanii himaniiru.

Galiin kurmaana 1ffaa darbe keessa argames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 43 caalmaa qabaachuu eeraniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa, Itiyoo – Teeleekoom, Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojastiksii fi Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee bu’aa olaanaa galmeessan keessaa isaan hangafa ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen misoomaa Dhaabbata Invastimantii Holdiingi Itiyoolhiyaan bulan qabeenyi waliigalaa isaanii Birrii Tiriiliyoona 2.4 ga’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.