Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa 16 tajaajila elektirooniksii fooddaa tokko hojiirra oolchuf mallatteessan

Finfinnee, Muddee 23, (FBC) – Dhaabbileen mootummaa fi  dhuunfaa 16 tajaajila elektirooniksii fooddaa tokko hojiirra oolchuuf guyyaa har’aa walii mallatteessaniiru.

Minsiteerri Galiiwwanii, Daldalaa, Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa, Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo, Geejjibaa, Albuudaa fi Iinarjii, Baankiin biyyaaleessa Ityoophiyaa, Komishiniin Gumurikaa,, Komishiniin Invastimantii, Ejansii Odeeffannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa dabalatee dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa  16 walii mallatteessaniiru.

Sirna mallatteessuu Hooteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffame irratt dubbii kan taasiisan Ministirri Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee, tajaajilli elektirooniksii fooddaa tokko biyyoonni guddatanii fi guddina irra jiran daldalaan dorgomaa akka ta’aniif kan fayyadu ta’uu ibsaniiru.

Daldala babal’isuu fi tajaajila si’ataa taasiisuuf ni gargaara jedhaniiru.

Manneen hojii biyyattii tajaajila salphaa, madaallawaa, si’ataa fi ariifataa akka laataniif ni gargaara jedhaniiru.

Proojektiin kun qophii duraa xumuruun gara raawwiitti akka galu kan ta’e kutannoo fi qindoomanaan hojjechuuf ejjennoo jiru kan agarsiisuudha jedhan.

Qindoominaa fi tokkummaan yoo hojjetame yeroo itti keessatti bu’aa fiduun akka danda’amu kan agarsiiseedha jedhaniiru.

Hojimaata salphaa taasiisuun sirna daldala idilaawaa gochuun galii biyyaaleessa akka guddisu himaniiru.

Baasii qusachuun yeroo  tajaajilaa xiqqeessuuf walii galteen har’aa seeraan hojiirra yoo oole bu’aa olaanaa ni qabaata jedhan.

Hojimaatichi malaanmaltummaa hir’isuun itti quufinsi maamiltootaa akka dabalu fi  daldala idila addunyaa kan  jajjabeessu ta’uu ragaan Ministeera Galiiwwanii argame ni mul’isa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.