Fana: At a Speed of Life!

Diinagdeen Ityoophiyaa %10.8 ni guddata jedhame

Finfinnee, Muddee 29, 2012(FBC) – Raagni diinagdee Guddina Oomisha Waliigalaa Biyya keessaa Ityoophiyaa 2012tti %10.8 kan qaqqabu ta’uu Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Guddinni diinagdee biyyattiis ariifataa akka ta’u baankichi eerera.
 
Kunis kan baroota darbaniirra fooyya’aa ta’uu ibseera.
 
Guddinni diinagdichaa akka galmaa’uf damee faaynaansiirratti fooyyessi taasifamuunn abdii horeera.
 
Haaluma kanaan diinagdeen biyyattii amma Waxabajjii 2012tti %10.8 kan guddatu ta’uun ibsameera.
 
Baankichi gabaasa isaatin akka beeksisetti diinagdeen biyyattii bara darbe guddina %9 galmeessiseera.
 
Qaala’iinsa gatii fi alergiirratti rakkoo muul’atuun ala diinagdeen biyyattii fayya qabeessaa fi abdachiisaa ta’uus baankichi beeksiseera.
 
Fooyyessi diinagdee taasifame, diinagdee biyyattii kan dadammaqsee fi abdii itti hore ta’uun eerameera.
 
Qaala’iinsi gatii waggaadhaa amma waggaa kan baatii Muddee %19.5 yoo ta’u, kan baatii darbeemmoo %20.8 ture.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.