Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraan faayidaa waaraa Ityoophiyaaf hojjechuu qaba – Dooktar Mahaammad Indiriis

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Hawaasni Diyaaspooraan faayidaa waaraa Ityoophiyaa mirkaneessuuf hojjechuu akka qabu Itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis hubachiinsan.
Gamtaan Qindoomaa Diyaaspooraa Ityoophiyaa Idil Addunyaa adeemsa Ityoophiyaa deebisanii ijaaruurratti ga’ee hawaasa diyaaspooraa ilaalchisee Interneetiin marii gaggeessaniiru.
Raayyaa Ittisaa, qaamolee nageenyaa fi lammiileen Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa qabsoo taasiisaniin injifannoo argameef galatatu mala jedhan.
Yeroo ammaa hojiin deebisanii ijaaruu eegalamuu Dooktar Mahaammad kaasaniiru.
Hawaasni Diyaaspooraa wayita duula birmadummaa hojii dippiloomaasii olaanaa hojjechaa turuu fi hanqina dippiloomaasii biyyattii guutuu keessatti qooda olaanaa taphachuu kaasaniiru.
Qabeenya walitti qabuun Raayyaa Ittisaa, lammiilee miidhamanii fi Proojektii biyyaalessaaf deeggarsa olaanaa taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Yaa ta’uutii Diyaaspooraan fedhii fi humna qabuun ammas hojii hedduutu irraa eegama jedhan Dooktar Mahaammad Indiriis.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.