Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Mawulidaa sababeeffachuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Dhalachuu Nabiyyuu Mahaammad (SAW) (Mawulidaa) Sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin Mawuliidni Guyyaa Nabiin itti jajamu, Muslimoonni gara Masjiida deemuun waloon kan solaatan ta’uu, hojiilee fi barsiisa Nabii kan leellisaaniidha jedhan.

Nabiyyiin wayita lafarraa deddeebi’aa turanitti, gad of deebisuu, gaarummaa, dhiifama gochuun yaadatamus jedhan.

Erga Masjiida keessaa ba’anii booda waan qaban warra hinqabneef qoodduun, dhala namaa oo’uun, warra isaan miidheef dhiifama gochuun, hoogganaa amantiitti gad of deebisuu, gaarummaa fi dhiifama qabataamaa raawwachaa akka turaan kaasaniiru.

Nuti Itiyoophiyaanonni hordoftoota amantaa kamiiyyuu kan taane, Ayyaana guddaa kana irratti Muslimoota waliin tokko taanee, gad of deebisuu, gaarummaa fi dhiifama gochuun maallaqa keenya taasifachuun jireenya hafuuraa keenya haa dagagsinu jedhan.

Tokko taanee, jaalalaa fi nagaan guddanna. Gad of deebisuun, gaarummaa fi dhiifamaan rakkoleen furamuu hindandeenyee fi lagni hince’amne hinjiran jedhan.

Ayyaannii Mawulidaa wayitaa kabajnu hordoftoonni amantaa biraaf, dhiirri dhalaaf, xiqqaan guddaaf, Itiyoophiyaanonni biyya keessa, hundii hundaaf kan oo’u, gaarummaa qabaatu, miidhaan wayita jiraatus dhiifamni waliif gocuun akka jiraatu eeran.

Gad of deebisuun, gaarummaan fi dhiifama gochuun rakkoolee hedduu ni fura; dhiifamni hedduunis fuuldurattii fageenya dheeraa ni tarkaanfata jedhaniiru.

Bakkootaa garaagaraatti rakkooleen mudatan tokko tokko arguun, waanti hunduu lammiin dukkana itti fakkaatu jiraachuu mala kan jedhan Dooktar abiy ergaa isaanii kana kessatti, dukkana dukkana hundumaa booda ifni, kattaa fi gaara duubaan karaan akka jiru kaasuun, lagni akka ce’umsa qabu, tabbis irraan gade akka qabuu himan.

Yoo gad of deebisne ifa ni argina;yoo gara laafessa yoo taane karaa ni arganna; garaa dhiifama yoo qabaanne ce’umsii nutti mul’ataa jedhaniiru.

Nabiyyuu Mahammad (s.a.w) wantoota gaarii beeksisuu fi hojii yaraa mormuuf kennaa ta’uu eeruun barsiisa isaanii kan hordofu hunduu sadarkaa kanatti argamuuf cimee hojjetaa dubbataniiru.

Wantoonni gaggaariin yoo hanqatanii mul’atan lammiilee barsiisuu fi deebisuuf kan carraaquudha jedhanii,ayyaanicha yeroo kabajnu, eebba Nabiyyuu Mahaammad hubachuu fi daandiilee gad of deebisuu yaaduudhaan dabarsuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.