Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaa fi Ambaasaaddarri Xaaliyaan damee fayyaa cimsuuf marii gaggeessan

Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaan Agoostinoo Paalsee damee fayyaa cimsuuf marii gaggeessaniiru.

Marii isaaniitin biyyattitti tumsa fayyaa tumsuu fi weerara vaayrasii koroonaarratti waloon hojjechuuf haalota dandeessisaan irratti mari’ataniiru.

Dooktar Liyaan Xaaliyaan damee fayyaatin deeggarsa ogummaa taasiftuuf galateeffataniiru.

Ambaasaaddarichi gama isaaniin, Ityoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa gama fayyaan qaban cimsanii kan itti fufaan ta’uu ibsaniiru.

Xaaliyaan vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftuu ta’u mirkaneessuu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Xaaliyaan irra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.