Fana: At a Speed of Life!

Dooniin Bo’oo Suweez keessa torbee tokkoof danqamtee sochii eegalte

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC)- Masriitti dooniin Bo’oo Suweez keessa torbee tokkoof danqamtee turte sochii eegaluun ishee ibsame.

Dooniittin dheerina meetira 400 qabdu kun rakkoo teekinikaa ishee mudaterraan kan ka’e Kibxata ture kan ulaa kana cufte.

Aangaa’oonni biyyatti dooniitti guutuumma guutuun sochoosuuf hojii dabalataa hojjechuu himaniiru.

Wal jijjiirraan daldalaa cimaa kan itti gaggeeffamuu Bo’oon Suweez sababa dooniittif torbanootaaf cufamee ture.

Kanaafis guyyaatti bittan shaqatootaa doolaara biiliyoona 9tti tilmaamamutti gufuu ta’ee turuu ibsameera.

Daddabarsa kanaan guyyaan gara dhihaa addunyaatti shaqatoonni gatii doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 5.1 qaba kan socho’aan yoo ta’u gara bahaatti ammoo qabeenyi dolaarri biiliyoonni 4.5tti tilmaamaan ni daddabarfamaa jedhameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.