Fana: At a Speed of Life!

Dooniin jalqabaa Midhaan Yuukreen feete Buufata Turkii geesse

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Erga waraanni Raashiyaa fi Yuukreen eegalamee Dooniin jalqabaa midhaan nyaataa Yuukreen feete Buufata Turkii ga’uu ishee ibsame.
Doonittiin kaleessa Karaa galaana Boosifooresiin bulchiinsa Turkii ga’uu ishee himameera.
Dooniin Raazoonii jedhamutti Boqqoolloo Toonii kuma 26 fe’uun Libaanoosii fi Tiriippoolii ni geessiin eegama.
Gareen aanga’oota Raashiyaa fi Yuukreen of keessatti hammatte imala doonittiin gara Libaanoositti taasiiftu itti fufsiisuuf har’a waan feetee jirturratti qorannoo ni taasiisuun eegama.
Dooniin kun dheengadda Buufata Doonii Odeessaa ka’uu ishee CGTN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.