Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin biyyoolessaa hojii kalaqaa barattootaa fi barsiisotaa eegalame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Dorgommiin biyyoolessaa 8ffaan hojii kalaqaa barattootaa fi barsiisotaa Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti eegalameera.

Hojiin kalaqaa kun bu’aa har’aa qofa osoo hin taane rakkoo Itiyoophiyaa yeroo itti aanuu furuu kan danda’u ta’uu qaba jedhan Ministeera Barnootaatti Dursaan Garee Misooma Barsiisootaa fi Hoggansa Barnootaa Dooktar Muluqan Nigaatuun.

Iccitiin biyyoota guddatanii saayinsii ta’uu dubbataniiru.

Dorgommii hojii Kalaqaa kanarratti hojiileen kalaqaa 211 dhiyaachuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

Dorgommii fi agarsiifni hojii kalaqa barattootaa kun guyyoota sadiif tura jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.