Fana: At a Speed of Life!

Duulli Misooma Sululaa Oromiyaatti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Duulli Misooma Sululaa baranaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Sagantaan cufiinsi Hojii Eegumsa biyyeefi bishaanii bara 2016 Godina Baalee Aanaa Gobbaa Gaara Daggaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee qonnaaf xiyyeeffannoo addaa bu’aan jajjabeessaan galmaa’aa jiran jedhan.

Hojii eegumsa biyyee fi bishaanii Bona darbe tajaajila lammuumaan guyyoota 60f labsameerratti hawaasa hirmaataan hundaa galateeffataniiru.

Hojii eegumsa biyyeefi bishaanii yeroo Bonaa hojjetameen Suluulota kuma 6 fi 465 lafa hektaara miiliyoona 3.2 olirratti misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan suluuloota kuma 5 fi 775, lafa hektaara miiliyona 2.8 ol irratti daagaa adda addaa kiiloo meetira miiliyoona 1.2 hojjetamuu fi daagaan hektaarri kuma 263 fi 121 suphamuu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Dabalataanis Gaabiyoonii fi Dhagaan hojii Hallayyaa hidhuu Meetiri kiyuubii kuma 823 fi 543, mukaan miiliyoona 1.7 ol hojjetameera jedhaniiru.

Istiraakcharoota adda addaa jiidhina qusatan miiliyoona 15 fi kuma 772 fi 828, kan Bishaan Yaasan meetir Kiyuubii miiliyoona 3.2, Lafa Miidhame tuttuqqaa namaa fi beeyladaa irraa daangessuu hektaara kuma 630 f 176 hojjetamuus Obbo Geetuun dubbataniiru.

Hojii tajaajila lammummaa eemgumsa biyyee fi bishaanii Bonaan hawaasni miiliyoona 8.2 ol hirmaachuu ibsaniiru.

Hojii fiizikaalaa Bona kana hojjetamerratti Ganna biqiltuu gosa addaa addaa dhaabuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuus akeekuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.