Fana: At a Speed of Life!

Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru haala nageenyaa fooyyesseera-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)- Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru haala nageenyaa naannichaa fooyyessuu Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Dandeettii Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan himan.

Dooktar Biqilaa Hurrisaan FBC’f yaada kennaniin ummatarra miidha hedduu garee shororkeessaan irra ga’aa akka ture yaadachiisanii, nageenyi gaaffii adda duree ta’ee itti fufeera jedhan.

Qaamoleen nageenyaas tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachaa jiraachuus kaasanii, miseensonni garichaa hedduun harkaa kennaachaa akkasumas booji’amaa jiraachuu dubbataniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Qaamolee Nageenyaa Naannichaa waliin ta’uun, tarkaanfii fudhachaa jiruun haalli nageenyaa naannichaa fooyya’aa akka jiru kaasanii pirojektoonni misoomaa irraa deebiin gaggeeffamuu eegaluu dubbatan.

Miseensonni garee shororkeessaa harka kennatan giddugalaa haaromsaa galchuuf sochiin eegalamuu dubbataniiru.

Waltajjiiwwan marii ummataa gaggeeffamaniin miidhaawwan ummatarra ga’aa jiranii fi tattaaffiiwwan nageenyaa cimaanii akka itti fufan gaafachuu himaniiru.

Fuuldurattis olaantummaa seeraa mirkaneessuu, kanneen karaa nagaan harka kennatan leenjii haaromsaa kennuu fi hojiilee misoomaa cimsuurratti kan xiyyeeffatamu ta’uu Dooktar Biqilaan ibsaniiru.

Afwarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.