Fana: At a Speed of Life!

Duulli Talaallii Pooliyoo Biyyaalessaa iddoolee garaagaraatti eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Duulli Talaallii Pooliyoo Biyyaalessaa naannoo Hararii fi Magaalaa Dirree Dawaatti eegalame.
Duulli har’aa eegaluun hanga Onkololeessa 15, 2014 kennamu kun daa’immaan umriin isaanii waggaa 5 gadii magaalaa fi baadiyyatti argamaniif kan laatamu ta’uu ibsameera.
Daa’immaan hundi talaallii kana akka argatan maatiin ga’ee isaanii akka ba’an waamichi dhiyaateera
Talaallichi manneen Barnootaa, Daa’immaan daadnirratti argamanii fi Manneen Jireenyaa keessatti ogeeyyii yaala fayyaan laatamuu eegaleera.
Kadir Shamshaddintu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.