Fana: At a Speed of Life!

Eejansiin Deeggarsa Misoomaa Idil Addunyaa Kooriyaa tajaajila elektirooniiksii fooddaa tokkoof deeggarsa laate

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Eejansiin Deeggarsa Misoomaa Idil Addunyaa Kooriyaa proojaktii tajaajila elektirooniiksii fooddaa tokkoof deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 7.5 laatera.

Tajaajilli elektiroonksii fooddaa tokkoo Muddee 25, 2012 Waajjira Muummee Ministiraatti ifatti eegaluun isaa kan yaadatamudha.

Tajaajilli elektirooniiksii fooddaa tokkoo kun ragaa fi sanadoota galii, baasii fi daddabarsa meeshaalee bakka jiranitti tajaajila ammayya’aa ta’e kan laatudha jedhameera.

Tajaajilli elektirooniksii fooddaa tokkoo kun bara Faranjoota 2017 hanga 2019tti, boqonnaa duraatin dhaabbilee 16 keessaatti hojiirra oolaa tureera.

Ministeerri Galiiwwanii tajaajilicha guyyoota sadiin dura hojiirra kan oolche yoo ta’u, haga bara 2014tti kan itti fufu ta’uun ibsameera.

Eejansii Deeggarsa Misoomaa Idil Addunyaa Kooriyaatti itti aanaan itti gaafatamaa waajjira damee Ityoophiyaa obbo Maatiwoos Bunaaroo boqonnaa 2ffaa tajaajiliichaaf kan oolu eejansichi tumsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 7.5 deeggarsaan laatera.

Eejansichi deeggarsa maallaqaatin alas dandeettii cimsuurratti hojjechaa jira.

Dhaabbilee boqonnaa lammaffaa keessatti tajaajila kana laachuuf walii mallatteessan 16 dabalatee dhaabbileen biroo 21 boqannaa kanaan kan hammataman ta’uun eerameera.

Tajaajilichi lammilee kuma dhibba 1 fi kuma 50 haga kuma 200 fayyadamoo kan taasisudha.

Baankonni dhuunfaa fi mootummaa, dhaabbileen inshuraansii mootummaa fi dhuunfaa, akkasumas dhaabbileen daldalaa biroo tajaajila kana ni kennu jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.