Fana: At a Speed of Life!

Embaasiwwan dhageettiin Itiyoophiyaa akka dabaluuf ciminaan hojjechuu qabu – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Embaasiwwan dhageettiin Itiyoophiyaa akka dabaluuf ciminaan hojjechuu akka qaban Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan xumura walga’ii Ambaasaaddarootaa guyyoota 15f taa’amaa tureerratti argamuun kallattii hojii kennaniiru.

Hojiilee Dippiloomaasii bara baajataa hafe keessa hojjetamuu qaban ilaalchisee kallattii hojii kaa’aniiru jedhame.

Embaasiiwwan qaqqabummaa isaanii guddisuun dhaggeettii Itiyoophiyaa caalmaatti dabaluuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hariiroon waloo Itiyoophiyaan biyyoota garaagaraa waliin qabdu akka cimuuf Dippiloomaasii hunda galeessa babal’isuun faayidaa biyyaalessaa kabachiisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Barakat Takkaalinyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’a

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.