Fana: At a Speed of Life!

“EtiSalat” Ityoophiyaatti damee telekoomirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Emereetota Araba Gamtoomanii “EtiSalat” Ityoophiyaatti damee teelekoomiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu beeksiseera.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi Hoji Raawwachaa “EtiSalat” Haatiim Dowiidar waliin marsariitiin mari’ataniiru.

Haaluma kanaan Haatiim Dowiidar, dhaabbanni isaanii Ityoophiyaatti damee teelekoom irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Dabalataan, carraalee damechaan jiran abuuruuf mootummaa Ityoophiyaa fi hirmaattota damechaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbachuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Torban dhufu Ityoophiyaatti argamuun mari’achuuf waliigalteerra ga’amuun himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.