Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Broodkaastiing Korporeetii fi Akkaadaamiin Hoggansaa Magaalaa Finfinnee waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Faanaa Broodkaastiing Korporeetii fi Akkaadaamiin Hoggansaa Magaalaa Finfinnee waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Dhaabbileen lameen akkaataa waliigaltee waliif mallatteessaniin ijaarsa dandeettii fi ce’umsa beekumsaarratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Hojiilee kominikeeshiniis kan hojjetan ta’uu eerameera.

Waliigaltichi barnootaa fi leenjii akkasumas qorannoo fi qo’annoo taasisuus kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi dhaabbilee lameen gidduutti dandeettii gaarii kan uumu ta’uu fi  wayita giddugala leenjii Faanaa Broodkaastiing Korporeet giddugala qulqullinaa taasisuuf hojjetamaa jirrutti mallatteeffamuun jajjabeessaa ta’uu Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti Ittaanaan hogganaa damee Bulchiinsaa fi Biiznasii obbo Reedwaan Sulxaan eeraniiru.

Daayrektarri olaanaan Akkaadaamichaa Dooktar Dassaalany Pheexiroos gamasaaniin, Akkaadaamichi imaammata misoomaa magaalichaa hubannoo keessa galchuun hojjechaa jiraachuu himuun, Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin hojjechuun dhaabbata fooyya’aa ijaaruuf kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis hoggantoonnii fi hojjettoonni Akkaadaamii Hoggansa magaalaa Finfinnee giddugala tamsaasa Faanaa Broodkaastiing Korporeet daawwataniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.