Fana: At a Speed of Life!

Faransaay weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Paaris dabalatee magaaloota 8 irratti sosochii yeroo daangessuufi

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Faransaayitti weerarri vaayrasii koroonaa irra deebiin babal’achuu isaan Paaris dabalatee magaaloota 8 keessatti sosochiin yeroo daanga’uuf akka ta’e ibsame.
 
Weerara vaayrasii koroonaa irra deebiin babal’ataa dhufe ittisuuf jecha sosochiin yeroo daangeffamuuf akka ta’e Preezdaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon dubbataniiru.
 
Sanbata dhufurraa eegalee galgala sa’aatii 3 hanga ganama sa’aatii 12 sosochiin kan daangeffamu ta’uu Preezdaant Maakroon ibsaniiru.
 
Daangeffamni kun torbee afuriif kan ture ta’uu ibsameera.
Dabalataan biyyattiitti labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuu dubbatameera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa biyyoota Awurooppaa hedduu keessatti irra deebiin babal’achaa jiraachuu himameera.
 
Sababa kanaan weeraricha ittisuuf tarkaanfiin eegalamuu ibsameera.
 
Jarmanittis yeroo jalqabaaf guyyaa tokkotti namoonni kumni 5 vaayrasii kanaa qabamuu isaaniitiin manneen nyaataa fi dhugaatii akka cufaman taasifameera.
 
Biyyattiitti namoota 10 ol ta’anii iddoo tokkotti walitti qabamuun dhorkaamuus ibsameera.
 
Neezarlaandis lammiileen ishee harki caalu manaa akka hin baane dhotkiteerti.
 
Manneen tajaajila ummataa hedduun akka cufaman taasifameera.
 
Ispeen Baha Kaataalooniyaattis har’aa eegalee manneen nyaataa fi dhugaatii guyyoota 15f akka cufaman ajajni darbeera.
 
Cheek Riippabliikis manneen barnootaa fi dhugaatii cuftee jirti.
 
Maddi:-bbc.com
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.