Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamtoonni geejjibaa motora maleeyyii % 50 ol dubartoota akka ta’aniif hojjatamaa jiraachuun ibsame 

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2013 (FBC) – Fayyadamtoonni geejjibaa motora maleeyyii % 50 ol dubartoota akka ta’aniif hojjatamaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa beeksise.

Damee Geejjibaan karoora misooma waggaa 10 irratti fayyadamtoonni geejjibaa motora maleeyyii %50 ol dubartoota akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu,Ministirri Geejjibaa aadde Daagmaawit Mogas himaniiru.

Ministeerri Geejibaa guyyaa dubartootaa Idil-adduunyaa sababeeffachuun yaada “ geejjiba motora maleeyyii dubartoota hirmaachise” jedhuun sadarkaa biyyaatti guyyaa biskileetootaa fi imala miilaa 6ffaa kabajeera.

Aadde Daagmaawit Mogas sagantaan kunis dubartoota sadarkaa umrii hundaarraa jiran fayyadamoo gochuuf kaayyoo qabanne galmaan gahuuf ni gargaaras jedhaniiru.

Dabalatanis rakkoo nageenyaafi hanqina mijannaa fayyadamtoota dubartootaa mudatu fooyyeessuuf diizaayinoota daandii hirmaachise,damee geejjiba ummataan,motora maleeyyiifi imala miilaan kan hojjataman ta’uu himaniiru

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.