Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa karraa galaanaa karaa seera idil addunyaa eegeen deebisuuf hojjechuun gaaffii haqummaa qabuudha jedhame’

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Mariin Paanaalii Karra galaanaa irratti xiyyeeffatu Yuunivarsitii Madda Walaabuutti gaggeeffamaa jira.

Marichi mata duree “Karra Galaanaafi Itiyoophiyaa jedhuun gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantiin itti aanaa dhimmoota akkaadamii Yuunivarsiitichaa Dooktar Bazzaabbii Wandimmuun haasawaa taasisanii yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti dhimmoota biyyaaleessaa qorannoon deeggaruun hojjechaa jiraachuu himan.

Dhimmi fayyadama karra galaanaa Itiyoophiyaa irratti hojiilee balaa’aan hojjetamuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan Galaana Diimaarraa fageenya dhihoorratti kan argamtu taatus dogoggora seenaa uumameen akka dhiibamtuu fi fayyadamummaa ishees akka dhabdu taateetti jedhan.

Kunimmoo biyyattiin hiyyummaa keessa akka turtuu fi dorgomtummaan addunyaa irratti qabaattu akka hir’atu taasisuu ibsaniiru.

Fayyadamummaa karraa galaanaa karaa seera idil addunyaa eegeen deebisuuf hojjechuun gaaffii haqummaa qabuudha jedhaniiru.

Gaaffileen haqaa kanneen addunyaa hubachiisuuf gaheen dhaabbilee olaanoo murteessaa tahuu himuun, Yunivarsiitiin Madda Walaabuus dirqama gama isaa bahachuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Dirqama biyyaaleessummaa bahachuunis cimsee itti fufaa jedhan Dooktar Bazzaabbiin.

Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti Qorataa kan ta’an Dooktar Mahaammad Jamaal, guddina egeree Itiyoophiyaaf karra Galaanaa argachuun dirqamaa jedhan.

Taateen qabatamaa naannawaa fi addunyaa Itiyoophiyaan karra galaanaa akka qabaattu ishee dirqamsiisa kan jedhan qoratichi, filmaatawwan fayyadamummaa ishee mirkaneessan hundatti maayii ba’uun Karra galaanaa qabaachuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Kana milkeessuufimmoo Hayyoonnii fi dhaabbileen barnootaa olaanoo gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.