Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjetamaa jira – Obbo Dhaabaa Dabalee

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Giddu-galli galtee tajaajila qonnaa iddoo tokkoo Godina Shawaa Bahaa Aanaa Booraa magaalaa Booteetti qonnaan bultoota adda duree gara invastimantiitti ce’aniin ijaarrame eebbifameera.
Giddu galicha hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uumaamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.
Giddugalichi birrii miiliyoona 5 kan ijaarrame ta’uu ibsameera.
Giddu-galli kun bakka gurgurtaa galtee qonnaa iddoo tokkoo: kutaa leenjii qonnaan bultootaa, bakka agarsiisa teeknooloojii fi galteewwan haaraa fi mana kuusaa afur of keessatti kan hammate ta’uu ibsameera.
Qonnaan bultootaaf galteewwan qonnaa, qoricha fayyaa beelladaa, nyaata beeladaa adda addaa, callaa guddiftuu, meeshaalee mekaanaayizeshinii qonnaa gatii madaalawaan bakka tokkotti dhiyessuun tajaajila laata jedhame.
Fayyadamummaa Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uumaamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen ibsaniiru.
Giddugalichi tajaajila barbaadu akka laatuuf deeggarsi barbaachisu kan taasiifamu ta’uus ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.