Fana: At a Speed of Life!

Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa Yuunivarsiitii Saayiinsii Ispoortii Haangaarii waliin hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa Yuunivarsiitii Saayiinsii Ispoortii Haangaarii waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.

Jilli Pireezidaantii Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Atleet Daraartuu Tulluun durfamu Kongiraasii Atleetiksii Addunyaa 54 ffarratti hirmachuuf Budaapeesti galeera.

Waliigalticha Gargaartuun Koomishinaraa Daraartuu Tulluu fi Pireezidaantiin Yuunivarsitichaa Piroofeesar Tamaas Istiirbaaniz mallatteessaniiru.

Waliigaltichi leenjiiwwan Misooma Ispoortii gaggabaaboo fi hanga barnoota idileetti Fedeerershiniichaa carraa kan laatu ta’uu ragaan Fedeereshiini Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.