Fana: At a Speed of Life!

Federeeshiniin waldaalee qaama miidhamtoota Oromiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Waldaalee Qaama Miidhamtoota Oromiyaa hundeeffama waldaan qaama miidhamtoota dubartootaa Oromiyaa dhiiga arjoomaniiru.
Federeeshiniin waldaalee qaama miidhamtoota Oromiyaa hundeeffama waldaa qaama miidhamtoota dubartootaa fi waldaa hubamtoota dhageettii Oromiyaa waliin haala yeroo irratti mari’ataniiru.
Hoggantuun Biiroo Dhimma hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa aadde Jamiilaa Sinbiruu maricharratti argamaniiru.
Aadde Jamiilaa Sinbiruu Waldaaleen qaama miidhamtootaa misoomaa fi nageenya biyyattii keessatti ga’ee olaanaa qabu jedhaniiru.
Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaatti beeksiseetti, aadde Jamiilaan hirmaattoota dhiiga arjooman galateeffataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.