Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha Shaampiyoona mana keessaan Atileetoonni Itiyoophiyaa marsaa itti aanuuf darban

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC) – Fiigicha Shaampiyoona Addunyaa mana keessaa Gilaasgoositti dorgomamaa jiruun Atileetoonni Itiyoophiyaa gulaallii fageenya meetira 800 marsaa itti aanuuf darbaniiru.

Atileet Tsiggee Dhugumaa daqiiqaa 2 fi maayikroo sekondii 50 fi Haabtaam Alamuunis daqiiqaa 2 fi maayikroo sekondii 50n xumuruun ramaddii isaaniirraa 1ffaa ba’uun marsaa itti aanuuf darbaniiru.

Fiigicha galgala sa’aatii 1:00 irraa eegalee meetira kuma 1 fi 500niin gaggeeffamurratti Atileet Dirribee Waltajjii, Fireewayinii Hayiluu fi Birqe Hayyaloom ni eegamu.

Fiigicha gulaallii meetira 800 dhiiroota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Efireem Makonniin 5ffaa ba’uu marsaa itti aanuuf osoo hin darbin hafuu ragaan Federeeshinii Atileetksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.