Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Guddicha “Gumaata Xiiqii” Magaalaa Cirootti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Fiigichi Guddicha guyyaa ijaarsi Hidha Haaromsaa eegalamee waggaa 13ffaa sababeeffachuun dhaadannoo “Gumaata Xiiqii” jedhuun Bulchiinsa Magaalaa Cirootti gaggeeffameera.

Saganticharratti Bulchituun Godinichaa Aadde Ikraam Xahaa, Kantiibaan Magaalaa Ciroo Obbo Mahaammad Umarii fi Kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

Aadde Ikraam Xahaa haasawaa taasisaniin Itiyoophiyaan qormaatilee keessaaf alaa qolachuun har’a kan geesse tokkummaa Ummata isheen ta’uu eeranii, fuulduraattis hawaasni harka walqabachuun Gamtaa pirojektoota akka biyyattii gaggeefamanirratti argisiisan daran cimsanii itti fufsiisuu qabu jedhan.

Fiigicha gaggeeffameerratti kanneen sadarkaa 1-3 bahaniif badhaasni kennameera.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.