Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti nageenya waaressuu keessatti Itiyoophiyaan gahee murteessa akka baatu gaafatame

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) –Sudaanitti nageenya waaressuu keessatti Itiyoophiyaan gahee murteessa akka baatu gaafatameera.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Eggataa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Rippaablika Sudaan Ambaasaaddar Huseen Awwaadi Alii Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Huseen Awwaadi Alii Mahaammad Sudaanitti nageenya waaressuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti Itiyoophiyaan tumsa murteessaa taasiisaa jirtu dinqisiifachuun, hariiroo seenaa qabeessaa fi tumsa obbolummaarratti hundaa’een gahee murteessaa Sudaanitti nageenya waaressuuf qabdi akka itti fuftu gaafataniiru.

Ambaasaaddar Mizgaanuu Argaan gama isaaniin, walitti bu’iinsi Sudaan karaa nagaan akka furamu Itiyoophiyaan tattaaffii taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Sudaanitti nageenyi hunda galeessi mirkaanaa’uu kan danda’u Hirmaannaa fi tattaaffii Lammiilee Sudaaniin qofa ta’uu akka qabu Itiyoophiyaan murannoo qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.