Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi “Gumaata Xiiqii” Hidha Haaromsaa Jimaatti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Magaalaa Jimmaatti fiigichi guddaa “Gumaata Xiiqii” deeggarsa Hidha Haaromsaa Guddichaafi jijjiirama dhufe itti fufsiisuu gaggeefameera.

Saganticha irratti Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa, guyyaan Kun guyyaa waadaa keenya itti haaromsinuudha jedhan.

Boondii bituun Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisuun, tattaaffii Ministeerri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuun badhaadhina mirkaneessuuf taasisaa jiran tumsuuf guyyaa qabatamaan agarsiiftaniidha jedhan.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin akkuma kanaan duraa biyya ceesisuuf hojjachuun jijjiirama fuuldurattis tarkaanfachiistan, Hidha Haromsaa xumuraan ga’uuf tumsa taasisuun murteessaadha jedhaniiru.

Fiigicha gaggeeffamerratti hawaasni Magaalaa Jimmaa fi Aanaalee Godinichaa hirmaataniiru.

Warqaafarraawu Yalaawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.