Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Maaraatoonii Atleetoota biyyoota 6 hirmaachisu Dilbata dhufu Asmaaraatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa dabalatee Atleetoota biyyoota 6 kan hirmaachisu Fiigichi Maaraatoonii Asmaraa Dilbata dhufu Asmaaraatti kan gaggeeffamu Komishiniin Aadaa fi Ispoortii Eertiraa beeksiise.

Fiigichi Maaraatoonii Dhiiroota gidduutti, fiigichi Fageenyaa Kiiloo Meetira 10 ammoo dubartoota gidduutti kan gaggeeffamu ta’uu Komishinarri Komishinii Aadaa fi Ispoortii biyyatti Ambaasaaddar Zamadee Takleen ibsaniiru.

Atleetoonni Ityoophiyaa, Keeniyaa, Ugaandaa, Taanzaaniyaa fi Afrikaa Kibbaa dorgomicharratti hirmaachuuf guyyaa har’aa Magaalaa Asmaraa kan seenaan ta’uu ibsameera.

Atleetoota dorgommichaan sadarkaa 1ffaa hanga 6ffaa ba’aniif Badhaasni qophaa’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaa Eertiraarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.