Fana: At a Speed of Life!

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Itaamaajoorii Afrikaa Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) –Itaamaajooriin Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Itaamaajoorii Afrikaa Kibbaa Jeneraal Ruudizaanii Maapiwaaniyaa waliin mari’ataniiru.

Hariiroo fi tumsa waraanaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa gidduu jiru caalmaatti dhimmoota cimsanirratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Jeneraal Ruudizaanii Maapiwaaniyaan guyyaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa 116ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.