Fana: At a Speed of Life!

Filannoon Pireezidaantummaa Raasiyaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC)- Pireezidaantii Vilaadmiir Putiin morkattoota sadii waliin kan irratti hirmaatan Filannoon Pireezidaantummaa Raashiyaa bara 2024 gaggeeffamuu eegaleera.

Filannoo kanaan waggoottan ja’an dhufaan Pireezidaantii Raashiyaa gaggeessuu kan filatamu ta’uun ibsameera.

Angoorraa kan jiran Vilaadmiir Putiin, Dursa Paartii Liberaal Dimokiraatik Liyooniid Silutiskii, Kaadhimamaa Komunistii Nikoolaay Kaatironoov fi Giddugaleessa Liberaalaan Ummatootaa Haaraa Kan Bakka Bu’an Vilaadlaav Daaviinkoov kan walmorkatan ta’uun eerameera.

Heeraa mootummaa biyyattii bara 2020 fooyyeffame hordofee filannoo pireezidaantummaa Raashiyaa keessatti jalqabaaf gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Heerri fooyyeffame kun pireezidaantii biyyatti ta’uun kan tajaajilu marsaa lama caalaa aangoorra turuu akka hinqabne daangesseera.

Filannicha buufataalee filannootti qamaan argamuun filachuu dabaltee jiraattonni bulchiinsa biyyattii 28’tti argaman gama elektirooniksiin sagalee kennuu akka danda’an eerameera.

Filannicharrattis sagalee kennitoonni %71 akka hirmaatan tilmaamamuu RT’n gabaaseera.

Filannichi har’a dabalatee guyyoota sadaniif kan gaggeeffamu ta’uu fi hanga ammaatti lammiileen miiliyoona 2’tti dhiyaatan sagalee kennuun gabaafameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.