Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen dhaabbilee daballii hin malle taasisan 767 irratti tarkaanfii fudhatte

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti daldaltoota weerara vaayrasii koroonaa sababeeffachuun daballii gatii taasisanirratti tarkaanfiin fudhamuun itti fufeera.

Bulchiinsi magaalichaa sababa weerara vaayrasichaatin hanqinni dhiyeessii meeshaalee fi daballiin gatii akka hin muddanne koree hundeessuun hordoffi fi to’annoon taasifamaa jira jedhame.

Koreen kun guyyoota darbanitti dhaabbilee daldalaa kuma 14 irratti to’annoo fi hordoffii taasiseera.

Haaluma kanaan gosoota omishaalee 11 fi faarmaasiiwwan 12 dabalatee dhaabbilee daldalaa 768 irratti tarkaanfiin fudhatamuu hogganaan Biiroo Daldalaa Finfinnee obbo Abduulfattaa Yesuuf himaniiru.

Dhaabbileen kanneenis warreen daballii gatii hin mallee taasisan, gamtaan gatii murteessan, oomisha kuusanii fi dhoksaniidha jedhan.

Dhaabbiilee fi daldaltoota rakkoo uumuun haaluma badii isaaniin tarkaanfii bulchiinsaa dabalatee hanga saamsuutti fudhatamuu ragaan Waajjira Seekteeriyaat Preesii Finfinneerraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.