Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti kaleessa balaawwan ibiddaa qaqqabeen qabeenyi tilmaamaa miiliyoona 6 ol barbadaa’e

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti kaleessa balaawwan ibidda qaqqabeen qabeenyi tilmaamaa Birrii miiliyoona 6 olii barbadaa’uu Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Hirmaannaa olaanaa taasifameen qabeenyi tilmaamaa Birrii miiliyoona 800 ta’uu balaa ibiddichaarra oolfamuu ibsameera.

Itti gaafatamaan garee kominikeeshinii komiishinichaa obbo Gulilaat Geetahuun, magaalichatti kaleessaa iddoowwan 6tti balaan ibiddaa qaqqabuu himaniiru.

Balaan ibiddaa kun kutaa magaalaa Laaftoo aanaa 2, kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 4 fi aanaa 6, kutaa magaalaa Gullaleetti ka’uu himaniiru.

Balaawwan qaqqabaan kanaan waliigala qabeenyii Birrii miiliyoona 6 oliitti tilmaamuu barbada’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.