Fana: At a Speed of Life!

Gaashanaa fi naannawaan ishee bilisoomte

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Duula birmadummaa biyyaa mirkanneessuuf gaggeeffamaa jiruun injifannoo olaanaan galmaa’aa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa laateen himeera.
Adda waraanaa Gaashanaan, Arbiit, Aqaati, Gashanaa fi naannawaan ishee harka diinaa jalaa bilisoomuu ibsameera.
Meeshaaleen waraanaa hedduun to’atamuu eereera.
Adda waraanaa Warra Iluun Magaaloonni akka Warra Iluu Gannatee, Inqooftuu fi Aqqaastaan Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaan to’annoo jala ooluu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsa laataniin himaniiru.
Dabalataan adda Waraanaa Shawaan Mazazoon, Moolaalee fi Shawaa Roobiit wareegama Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa kaffalaniin harka diinaa jalaa bilisoomuu Dooktar Laggasaan eeraniiru.
Adda waraanaa Bahaan iddoolee hedduu bilisoomsuun hojiin deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.