Fana: At a Speed of Life!

Gaazaatti balaa abiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Gaazaa Seerxiitti balaa abiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbuun himame.
Balichi mana daabboo tolchaan keessaa ka’uu dubbatameera.

Kanneen lubbuun darbeen alatti namoonni 60 madaa’aniiru.

Namoota du’aan keessaa 6 ammoo daa’immani jedhameera.

Bakkaa balaan abbiddicha itti ka’e naannoo mana dabbichatti kan argaman manneen kuusaa, iddoo konkolaataan dhaabbatu, warshaalee fi manneen daldalaarra miidhaa guddaan ga’eera jedhame.

Maddii:-Aljaziira

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.