Fana: At a Speed of Life!

Gabaa buna Ityoophiyaarrratti weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaan qaqqabsiisu danda’uu dandamachuu ibsame

Finfinnee Fulbaana 13, 2013 (FBC)- Gabaa buna Ityoophiyaarrratti weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaan qaqqabsiisu danda’uu dandamachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa beeksise.

Itti aanaan daayreektara olaanaa abbaa taayitaa bunaa fi shaayii fi itti gaafatamaan damee gabaa obbo Shaafii Umar turtii Faanaa Broodkaasting Koorporet waliin taasisaniin, weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa idil addunyaatti erga muul’dhate kaasee akkuma dameewwan daldala biroo gabaa bunas haalaa olaanaan akka miidhee ragaan ni muuldhisa jedhaniiru.

Ta’us abbaan taayitichaa qonnaan bultootaa fi dhaabbilee buna ergan waliin hojjechuun miidhaa qaqqabu danda’uu dandamachuu danda’ameera jedha.

Obbo Shaafiin, weerara vaayrasii koroonaa caalaa faddallii seeraan alaa fi kontiroobaandiin dhiibbaa cimaa qaqqabisiisa jiraachuu himaniiru.

Rakkichaa furuufis qaamoolee ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaaniru.

Kanarra darbees buna jallisii fi kilaastaraan misoomsuun bu’aa gaariin argamsiisu himaniiru.

Abbaan taayitaacha oomishtummaa bunaa guddisuu fi fedhii gabaa alaa dabaluuf hojiwwan garaagaraa hojjetaa turuu ibsaniiru.

Buna waggoottan arfan darbaan gara biyyaa alaatti ergaman caalaa raawwiin bara darbee foyyaa’aa ta’uu obbo Shaafii himaniiru.

Baajata bara 2012tti bunni kuntaalli kumni dhibbi 2 fi kumni 70 alaatti ergamu himaniiru.
Baajata bara 2013ittis bunaa qulqunni isaa eegame kuntaala kuma dhibba 3 fi kuma 12 erguuf karoorfamu ibsaniiru.

Siisaay Geetinnatitu gabaase

Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.