Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 195 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 195 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.
 
Gabaasa sa’aa 24 kanaan qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 4,853 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 195 irratti vaayrasichi argameera.
 
Kana keessaa 90 dhiirota, 105 ammoo dubartoota ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gabaasichaan ifoomsaniiru.
 
Umriin isaaniis waggaa 1 hanga 85 ta’uu beeksisaniiru.
 
144 Finfinneerraa, 12 naannoo Amaaraarraa, 12 naannoo Tigraayirraa, 7 naannoo Afaarirraa, 7 magaalaa Dirree Dawaarraa, 4 naannoo Somaaleerraa, 4 naannoo Oromiyaarraa, 3 naannoo Gaambeellaarraa, 2 naannoo Harariirraa ta’uun beekameera.
 
Gabaasa sa’aa 24 darbee kanaan namoonni wallaansarra turan 2 boqataniiru.
 
Haaraa kan dandamatanis 85 ta’uun ibsameera.
 
Waliigalaan amma ammaatti qorannaan samuudaa 202,214 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoonni 934 dandamatanii, 65 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Amma vaayrasichi kan irratti argamu namoota 2,953 irratti yoo tau, waliigalaan qorannaadhan kan irratti argame 3,954.
 
Wallaansa cimaa hordofaa kan jiran namoota 27.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.