Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessatiin namoota 579 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC)- Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessatiin namoota 579 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 7009 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 579 irratti vaayrasiin koroonaa argameera.

Kanaanis waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 14,547 kan qaqqabe yoo ta’u, kana keessaa namoota 7,931f hordoffiin fayyaa taasifamaafii jira.

Yeroo ammaas namoonni 66 hordoffii wallaansa cimaa keessa kan jiran yoo ta’u, namoonni 170 ammoo dandamataniiru.

Waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 6,386 qaqqabeera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 5 vaayrasichaan darbeera.

Amma ammaattis lubbuun namoota 228 darbeera.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii samuudaa 389,348 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.