Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 119 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise

Finfinnee,Waxabajjii 21,2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 119 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Sa’aa 24 keessatti qorannaan samuudaa namoota 3895 hojjetameera.

Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 5,689 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Lubbuun namoota 4 darbeera.

Namoonni 2 Finfinneerraa, namni 1 naannoo Oromiyaa irraa 1 ammoo naannoo Harariirraa lubbuun darbaniiru.

Namoonni haaraan 117 ammoo dandamataniiru.

Namoota vaayrasichaan qabaman 119 keessaa 73 dhiirota yoo ta’an 46 dubartoota.

Umriin isaaniis waggaa 1 hanga waggaa 80 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

Namoonni 116 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namoonni 3 ammoo lammiilee biyya alaati.

Namoonni 99 Finfinneerraa,5 naannoo Tigraayirraa, 1 naannoo Amaaraa,  3 Oromiyaarraa, 7 naannoo Hararii, 4 naannoo Somaalee irraa ta’uun ibsameera.

Hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayraichaan qabamnii 5,689  ga’eera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 2132 kan dandamatan yoo ta’u, namoonni 98 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 246,911 hojjetameera.

Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 3457.

namoonni 33 ammoo wallaansa cimaa keessatti aragmu

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.