Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa Preezdaantiin Soomaaliyaa yeroo aangoo dheeerreffachuusaa morme

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) -Gamtaan Afrikaa preezdaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdulaahi Foormaajoon yeroo aangosaanii dheereeffachuu mormeera.

Gamtichi ergamaa addaa gara Moqaadishootti erguun waldhabdee siyaasaa furuuf akka yaaluus beeksiiseera.

Manni maree nageenyaa Gamtaa Afrikaa walga’ii cufaa gaggeesseen booda paartileen siyaasaa biyyattii keessatti argaman akka mari’ataniif akeekkachiseera.

Fulbaana bara 2020 keessatti mootummaan Federaalaa Soomaaliyaa fi bulchiitoonni naannoolee, akkasumas paartileen siyaasaa mari’atanii turan.

Haa ta’uutii, torban darbe preezdaant Foormaajoon wixinee yeroon aangosaa akka dheeratu taasisu raggaasifateera.

Murteen kunis preezdaanticha mormiin hedduun akka mudatu taasiseera.

Ameerikaa, Biritaaniyaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaan Awurooppaa tarkaanfii preezdaant Foormaajoo kana cimsanii mormaniiru.

Manni Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaa hoggantoonni siyaasaa Soomaaliyaas gochaawwan haala jiru caalmaatti hammeessanirraa akka of qusatan akeekkachiseera.

Gamtichi Walga’ii cufaatti gaggeesse kanaan haala Chaad keessa jiru kan mari’ate yoo ta’u, ammatti murteen dabarse hin jiru jedhame.

Madd:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.