Fana: At a Speed of Life!

Gandootaa fi magaalota baadiyyaa fayyadamaa elektirikii taasisuuf Birriin miiliyoona 900 fi miiliyoona 19 ol baasi ta’e

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Gandootaa fi magaalota baadiyyaa fayyadamaa elektirikii taasisuuf Birriin miiliyoona 900 fi miiliyoona 19 ol baasi ta’e.

Bara baajataa 2012tti gandootaa fi magaalota baadiyyaa fayyadamaa elektirikii taasisuuf Birriin miiliyoona 900 fi miiliyoona 19 ol baasi ta’uu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksise.

Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa kutaalee biyyatti humna elektirikii hin dhaqabne waliin ga’uuf sagantaa dhiyeessi humna elektirikii biyyaalessaa gochaan hojiira oolchuu ibseera.

Hoogganaan Sagantaa Dhiyeessii Elektirikaa Biyyaalessaa obbo Huseen Mahaammad gandootaa fi magaaloota baadiyyaa kuma 6 fi 759 fayyadamtoota humna elektirikii ta’uu isaanii himaniiru.

Kanaanis mootummaadhaan Birriin miiliyoona 900 fi miiliyoona 19 fi kuma 200 fi kuma 77 fi 349 baasii ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.