Fana: At a Speed of Life!

Ganni dursee waan seeneef lagni Awaash guutee miidhaa akka hingeessisne hojiilee ittisaa gaggeeffama jiraachuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Waqtiin Ganna dursee waan seeneef Lagni Awaash guutee miidhaa akka hingeessisne hojiileen ittisaa garaagaraa gaggeeffama jiraachuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa FBC’f akka ibsanitti, lagni Awaash naannolee Oromiyaa fi Afaaritti miidhaa akka hingeessisneef hojiilee hubannoo eeggannoo duraa kennuu irraa eegalee hojiileen lolaa ittisuu gaggeeffameera.

Naannawaa biroottis balaawwan lolaa hir’isuuf bo’oowwan lolaa hojjetamaa jiraachuu himan.

Hojiilee kanneeniif Baankii Addunyaarraa Doolaarri miiliyoonni 258 kan eeyyamame ta’uun, Laga Awaash gara carraatti jijjiiruun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Lagni Awaashiin balaa lolaa umamu waggaa waggaan naannolee Oromiyaa gama Bahaa fi Afaariitti jireenya namootaa gaaga’uu fi qabeenyaa mancaasuun yaadatama.

Siisaay Geetinnatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.