Fana: At a Speed of Life!

Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha ramaddii Waancaa Afrikaa Maalaawwii waliin Moozaambikitti ni taphata

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha ramaddii Waancaa Afrikaa 5ffaa Maalaawwii waliin Moozaambikitti kan taphatu ta’uu Federeeshiniin kubbaa Miilaa Ityoophiyaa beeksise.

Taphichi Waxabajjii 13, 2015 Istaadiyeemii Moozaambikitti kan taphatamu ta’uu ibseera.

Federeeshinchi taphni ramaddii kun Istaadiyeemiwwan biyyoota Afrikaa Bahaatti akka taphatamu tattaaffiin taasiifamaa ture milkaa’uu dhabuu isaan filannoo garichaan Moozaambikitti akka taphatamu murtaa’uu ibseera.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha ramaddii Waancaa Afrikaa 3ffaa fi 4ffaa Moorokootti Giinii waliin taphate lamaanuu injifatamuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.