Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan weerareetti lammiilee miiliyoona 4 rakkoo haammataaf saaxileera

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan weerareetti lammiilee miiliyoona 4 rakkoo hamaaf saaxileera.

Lammiileen miidhaan irra gaheef deeggarsa namoomaa taasisuuf jilli Ministira Ministeera Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamiilin durfamu Magaalaa Baahir Daariitti mari’achaa jira.

Marii isaaniin hawaasni idil addunyaa ammentaa fi baldhinaa rakkichaa hubachuun deeggarsa namoomaa qinda’aa akka taasisuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil, Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan, Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan dhiyeessi deeggarsa namoomaa Dooktar Kaantiriin Suuzii dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo federalaa fi naannoo akkasumas bakka buutooni dhaabbilee deeggarsa namoomaa argamaniiru.

Itti aanaan preezdaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Maandafiroo, gareen shororkeessaa ABUT lammiilee miiliyoona 4 rakkoo hamaaf saaxilee, ummaattoota miiliyoona 1.6 ammoo qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqiseera jedhan.

Rakkicha furuuf lammiileen hundi deeggarsa akka taasisaaniif waamichaa dhiyeessuu AMK’n gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.