Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT karaa godina Kiilbatii Rasuun irra deebiin weerara banuu Mootummaan Naannoo Afaar beeksiise

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT kisaaraa irra qaqqabe haloo ba’uuf karaa godina Kiilbatii Rasuun irra deebiin weerara banuu Mootummaan Naannoo Afaar beeksiiseera.
Mootummaan naannoo Afaar dhimmicha ilaalchisee ibsa laateen garichi weerara godina Kiilbatii Rasuu aanaa Abi’aalaa fi Magaaleen bane cimsee itti fufuu ibseera.
Meeshaalee waraanaa gurguddoo dhukaasuun lammiilee nagaa miidhaa jiraachuu himeera.
Hariiroo bara dheeraa ummata naannoo daangaa Afaarii fi Tigraay booreessuuf ummata lamaan walitti buusuun bu’aa siyaasaa argachuuf shira xaxaa jiraachuu Mootummaan naannoo Afaar ibsa laateen eereera.
Guyyaa har’aa Godina Kiilbatii Rasuun iddoolee garaagaraan daangaa naannoo Afaar cabsee seenuun aanaalee Abi’aalaa, Magaalee fi Baraahileen meeshaalee waraanaa gurgduddoon deeggaramee waraana banuu isaa himeera.
Kanaanis lammiilee nagaa miidhaaf saaxiluu eereera.
Olola sobaan umrii isaa dheereffachuuf haleellaan akka irratti raawwatamee fakkeessuun burjaajii uumaa jiraachuu isaa ibsichaan addeesseera.
Haleellaa lammiilee nagaarratti xiyyeeffate raawwachaa akka jirus himeera.
Garichi godinaalee naannichaa 4 aanaalee 21 keessatti weerara gaggeessuun ummata haala sukanneessaan ajjeessuu, qabeenya biliyoonootaan lakkaawwaman barbadeessuu, lammiilee hedduu buqqaatiif saaxiluus ummata Tigraayiif karaa aanaa Abi’aalaan deeggarsi namoomaa dhiyaachaa turuu himeera.
Yaa ta’uutii gareen shororkeessaa ABUT ummata naannoo Tigraayif illee osoo garaa hin laafin walitti bu’iinsa uumuun deeggarsi namoomaa akka hin dhiyaanne taasiisuu ibsi kun eereera.
Olola sobaa garichaa kana ummanni naannoo Tigraay ni ga’a jechuun dura dhaabbachuu akka qabu ibseera.
Faayidaa garee muraasaaf jecha haadholiin naannichaa daa’imman isaanii wareegama hiikoo hin qabneef wareeguu akka hin qabne hubachiiseera.
Garichi kana dura naannoo Afaar iddoolee garaagaraatti weerara raawwachuun injifatamee ba’us ammas akka haaraatti weerara banuu himeera.
Mootummaan naannichaa iddoolee garichi weerara bane kanneeniitti tarkaanfii duub deebii barbaachisaa ta’e fudhachuun weerara garichaa qolachuuf qophii ta’uu ibseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.