Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessitootaa garee afuriin gurmaa’uun yakkaa raawwachaa turan to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Bakka garaagaraatti garee afuriin gurmaa’uun yakka ajjeechaa cimaa fi saamichaa kanneen raawwachaa turan miseensonni garee shororkeessaa to’annoo jala oolfamuu humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa beeksise.

Ergama shororkeessummaa fudhatanii lammilee nagaa sadii ajjeesuu, yaalii ajjeechaa tokko, meeshalee waranaa sagalee hinqabnee 46 gargaaramuun yakkaa saamichaa fi yakkaa badiisaa raawwachuun hawaasni yaadoo nageenyaa keessa akka galu gochaa kanneen turaan to’achuu humnichi waloo beeksiseera.

Garee shororkeessaa ABUT waliin qindaa’uun, Magaalota Finfinnee, Mojoo, Baatuu, Shaasahmannee, Tullu Boolloo, Walisoo, Buttaa Jiraa fi Walqixxeetti garee afuriin gurmaa’uun uffaannaa dambii poolisii Federaalaa fi naannoo uffachuun, meeshaalee waranaa fi ibsaa anniilaa olaa qabuun konkolaattotaa dhaabsisuun yakka saamicha fi ajjechaa raawwavchaa yuruu himameera.

Kanneen yakkicha raawwachaa turan Abdallaa Kadir, Boonaa Ayyaanoo, Taarikuu Sarbii, Qaasiim Gammachuu, Diittaa Kashee, Mahaammad Adam, Caalaa Wandimmuu fi Jamaal Kadir shakkamtoonni jedhaman, konkolaachistootaa Raayidii maallaqaa olaanaan kireeffachuun magaalota naannolee geessuun sababoota garaagaraa uumuun, erga galgaleessanii gara Finfinnee haa imallu jechuun, imalarra utuu jiranii, naannawaa dukkanaa’a wayiita ga’an konkolaataa dhaabsisuun konkolaachisaa ajjeesuu, yakka suukanneessaa raawwachuu shakkamtoonni hunduu amanuun akkataa fi bakkaa yakkicha itti raawwatan argisisuu hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.