Fana: At a Speed of Life!

Gatii boba’aa tasgabbessuuf mootummaarra kisaaraan Birrii biiliyoonni 124 ga’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Tattaaffii gatii boba’aa tasgabbeessuuf taasifameen mootummaarra kisaaraan Birrii biiliyoonni 124 ga’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministreerichi waltajjii beeksisa hojiirra oolmaa riifoormii bittaa fi gurgurtaa boba’aa Magaalaa Hawaasaatti gaggeessaa jira.

Walktajjicharratti Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaa, Preezdaantiin Naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaaw fi hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.

Waltajjichaan sanadni qormaatilee  dhiyeessii fi raabsaa boba’aarratti ministeerichaan dhiyaatee rakkoolee ka’an haala furuun danda’amurratti mariin gaggeeffamaa jira.

Riifoormichi hudhaalee damichaa waaraan furuuf murteessaa ta’uu Obbo Gabramasqal Caalaan waltajjichaan kaasaniiru.

Adeemsi hojiirra oolmaa isaa kutannoo hoggantoota siyaasaa kan gaafatu ta’uu ibsuun, damichi gama sharafa alaa argamsiisuun ga’e olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Sirna bittaa fi gurgurtaa isaa ammayyeessuun yeroon kan gaafatu ta’uu fi dhimma ariifachiisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Riifoormiin ministeerichaan wixineeffame kun sirna bittaa fi gurgurtaa gara sirna bittaa fi gurgurtaa idil adsdunyaatti jijjiiruuf yaadamee qophaa’uu DhRTK fi TOI  gabaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.