Fana: At a Speed of Life!

Gatiin boba’aa qinxaaboo haaluma duraan itti fufa

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Gatiin qinxaaboo gurgurtaa boba’aa haaluma duraan kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldala fi Idaastirii beeksiseera.

Sosochiin diinagdee fi hawaasummaa biyyatti haala tasgabbaa’aan itti fufsiisuuf, Muddee 25, 2012 hanga Amajjii 30, 2012tti boba’aa xiyyaaratiin ala gosoonni boba’aa biroo gatii duraatin kan itti fufu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Gatiin boba’aa xiyyaaraa liitiraan baatii Muddee keessa Birrii 28.24 ture Biirri 1.08 hir’isuun Birrii 27.16 gurgurama.

Haala qabatamaa gabaa idil addunyaa ilaalcha keessa galchuudhan sirreeffamni gatii kan taasifamu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.